Updated April 27, 2021 DOH 420-308 Oromo COVID-19’ qabamuun keessan yoo mirkanaa’ yookin shakkame maal gochuu akka qabda

Cuunfaa jijjiirraa Ebla 27, 2021 • Ulaagaa maaskii kan haara’e afaan CDC waliin wal simsiisufi. • Afaan fooyya’e (updated language) maaski fi haguuggin fuulatti sirriitti ta’ fi meeshaalee gorsa CDC (Wiirtuu Ittisaa fi ’annoo Dhibee) wajjin wal simaniif. • Namoota dhuunfaa COVID-19’f tarii saaxilamanii turanii fi talaallii guutuu fudhataniif gorsa (recommendations) adda bahanii turuu dabalame. • Namoota talaallii fudhataniif odeeffannoo haaraa dabalame.

Seensa COVID-19’n yoo qabamtan yookin nama COVID-19’n qabameef erga saaxilamtaniin booda yoo dhukkubsattan, namoota birootti akka hin dabarref tatamsa’ina COVID-19 ittisuu dandeessu. Maaloo, qajeelfamoota kanaa gadii hordofaa.

Mallattoolee COVID-19 Mallattooleen beekamoo ta’an (Ingiliffa) qaama gubaa, qufaasisuu, fi harganuu dadhabuu. Mallattooleen kan biroo kanneen akka qorrisiisuu, dhukkubbii maashaa, mataa bowwoo, dhukkubbii qoonqoo, dadhabbii qaamaa, furraa’uu, dhangala’aan funyaan keessaa yaa’uu, ol deebisuu, haqqee, garaa kaasaa yookin miira dhandhammii yookin foolii dhabuu fa’aa of dabalachuu danda’. Nama COVID-19’n qabame wajjin tuttuqqii yoo taasistan fi mallattoolen kunneen yoo isin irratti argame, tarii COVID-19 dhaan qabamtan ta’uu hin oolu. Qorannoo COVID-19’f ogeessa waldhaansa fayyaa keessa qunnamaa. Namni tokko doktara yookin ogeessa fayyaa waldhaansa laatuf hin qabu/du yoo ta’e: bakkeewwan hedduun tajaajila qorannoo tolaa yookin gati aanaa kennan jiru, sadarkaan godaansa isaanii maaliyyuu yoo ta’e jechuudha. Qorannoo ilaalchisee Gaffilee Yeroo Heddu Gaafataman Department of Health (Muummee Fayyaa) Ilaalaa (Ingiliffa) yookin Sarara Bilbilaa Odeeffannoo State COVID-19 tti bilbilaa (Ingiliffa).

Af-gaaffii fayyaa hawaasaa irratti hirmaadhaa COVID-19 dhaan yoo qabamtan, yeroo heddu karaa bilbilaatin, namni waajjira fayyaa hawaasaa irraa isin qunnamu jira. Namni af-gaaffii isin gaafatu maal gochuu akka qabdanii fi gargaarsi akkamii akka jiru akka hubattan isin gargaaru. Yeroo dhiyootti nama waliin tuttuqqii gootan maqaa fi karaa ittiin argatan (contact) isin gaafatu. Odeeffannoo kana kan isin gaafataniif, tarii dhibichaaf saaxilamanii turuu akka malan itti himuufi. Maqaa keessan nama tuttuqqii qaamaa wajjin taasiftan sanatti hin himan.

Waldhaansa fayyaaf yoo ta’e malee manaa hin bayinaa. Waldhaansa fayyaaf yoo ta’e malee manaa bahuu hin qabdan. Mana baruumsaa, hojii yookin bakka namni itti heddummatu hin deeminaa. Geejjiba uummataa, taaksii yookin nama waliin konkolaataa hin fayyadaminaa. Namni biroo gabaa akka isiniif dhaqu gaafadhaa yookin tajaajila giroosarii manatti isiniif fidu fayyadamaa.

Doktara bira osoo hin deemin dura bilbilaa COVID-19 dhaan akka qabamtan yookin qorannoo COVID-19 taasisaa akka jirtan ogeessa fayyaa keessanitti himaa. Manicha hin seenin dura maaskii/haguuggii fuulaa godhadhaa. Wantoota kana hordofnaan, namoota biiricha yookin bakka turtii jiran dhibichaan akka hin qabamne ittisuu ni dandeessu.

Namoota yookin bineeldota mana keessan keessa jiran irraa adda of baasaa. • Namoota: Hanga danda’ametti, namoota biroo irraa adda bahaatii turaa, ni jira taanan mana fincaanii qophaatti fayyadamaa. • Bineensota: Bineeldota manaa fi bineensota tuttuquu irraa of qusadhaa. Danda’ama taanan, miseensi maatii keessanii akka isiniif kunuunsu gaafadhaa. Bineeldota manaa keessan kunuunsun dirqama yoo ta’e, osoo bineensota manaa hin tuttuqin duraa fi booda harka keessan dhiqadhaa; ni danda’ama taanan, haguuggii fuulaa godhadhaa. Odeeffannoo dabalataatiif COVID-19 fi Bineensota (Ingiliffa) kan jedhu ilaalaa.

Adda of baasee hangam turuun qaba? 1. COVID-19’n qabamtaniirtu yoo ta’e yookin yoo shakkitanii fi mallattoon yoo isin irratti mul’ate, mana keessatti adda of baasuu dhaabuu kan dandeessan: Yoo ’aatii 24 darbaniif qoricha qaama gubaa hir’isu osoo hin fayyadamin qaama gubaa irraa bilisa taatani FI o Yoo mallattoolen (Ingiliffa) isinitti fooyya’an FI o Erga mallattoon jalqaba isin irratti mul’atee guyyoonni 10 darbaniiru yoo ta’e. 2. COVID-19’n qabamtaniirtu yoo ta’e, garuu immoo mallattoon homaatuu isin irratti yoo hin mula’nne, mana keessatti adda of baaftanii turuu addaan kutuu kan dandeessan: o Guyyaa jalqaba COVID-19 dhaan qabamuun keessan baramee kaasee guyyoonni 10 darbaniiru yoo ta’ee, FI o COVID-19 dhaan hin dhukkubsanne yoo ta’e.

Mallattoolee ofirratti ilaalaa Mallattoon isin irratti mul’ate yoo isinitti hammaate, gargaarsa ogeessaa isin barbaachisa. Osoo waldhaansa hin argatin dursa, ogeessa fayyaa keessaniif bilbiluun mallattoolee COVID-19 akka isin irratti mul’ate itti himaa. Namoota iddoo turtii yookin kutaa yaalii keessa jiranitti dhibichi akka hin tatamsaanef, yeroo mana yaalichaatti ol lixxan haguuggii fuulaa godhadhaa. Rakkoo fayyaa hatattamaa yoo qabaattanii fi 911 tti bilbiluu yoo barbaaddan, mallattoo Covid-19 qabaachuu keessan hojjattoota dhimmi kun ilaallatutti himaa. Tajaajiltoonni yeroo hatattamaa osoo hin dhufin dursa, ni danda’ama taanan haguuggii guulaa godhadhaa.

Adda bahanii turuu fi yerodhaaf qophaatti adda bahuu gidduu garaa garummaa maaltu jira? • Adda bahuun, COVID-19’n qabamtan yoo ta’e, yookin bu’aa qorannoo eeggataa jirtu yoo ta’e, yookin COVID-19’n qabamtan yoo ta’e waanta gootaniidha. Adda bahuun, dhibichi akka hin daddabarre ittisuuf jecha yeroo murtaa’ef mana turuu fi namarraa adda bahuudha (miseensota maatii dabalatee). • Yerodhaaf qophaatti adda bahuun COVID-19’f yoo saaxilamtan waanta gootaniidha. Yerodhaaf qophaatti adda bahuu jechuun dhibichaan qabamtaniirtu yookin ni daddabarsitu yoo ta’e yeroo murtaa’ef nama irraa adda baahanii turuu jechuudha. Boodarra COVID-19’ qabamtan yoo ta’e yookin mallattooleen COVID-19 isin irratti mul’ate yoo ta’e, yerodhaaf qaophaatti adda bahanii turuun gara adda bahuutti ceha (quarantine becomes isolation).

2

Qophaatti adda bahanii turuun (quarantine) hangam tura? Qajeelfamani qophaatti adda bahanii turuu amma jiru kan jedhu guyya dhumaa nama waliin tuttuqqii gootanii kaasee guyyaa 14’f akka ta’eedha. Kun filannoo isa baay’ee sirriidha. Yeroo kana mallaattoolee ofirratti ilaalaa, yeroo guyyaa 14 kanatti mallattoolee COVID-19 kamiyyuu yoo of irratti argitan (Ingiliffa) qoratamaa. Bakkoonni yookin gareewwan baay’ee saaxilamoo ta’an filannoowwan qophaatti adda bahanii turuu guyyaa 14 fayyadamuu qabu: • Namoota bakka kunuunsa fayyaa yeroo dheeraa keessa hojjatan yookin turan. • Namoota mana sirreessaa keessa turan yookin hojjatan. • Namoota iddoo dahannoo yookin mana jireenyaa yeroodhaaf tajaajilu keessa hojjatan yookin jiraatan. • Namoota bakka jireenya waliinii kanneen akka doormitarii, bakka waliin jireenya hawaasa yookin garee keessa hojjatan. • Namoota bakka hojii namoonni itti heddummatanii fi walirraa fageenyi qaamaa itti eegamuu hin dandeenye keessa hojjatan; kunis sababa bakkeewwan hojii kanneen akka mana kuusaa yookin warshaa keessatti walirraa fageenya qaamaa eegun rakkisaa ta’eefi. • Namoota qurxummii qabuu irratti bobb’an yookin markaboota nyaata galaanaa irratti hojjatan irra hojjatan. Kuni hin danda’amu yoo ta’e, qorannoo dabalataa malee erga guyyaa dhumaa nama waliin tuttuqqii taasiftanii kaasee guyyoota 10 adda of baasaa turaa. Yeroo turtii guyyoota 10 tti mallaoolee COVID-19 kamiyyuu isin irratti mul’ate, guyyoota 14’f adda of-baasun sana booda qoratamaa. Hanga guyyaan 14 sun dhumutti mallattoolee hordofuu akka hin daganne. Erga gaafa guyyaa dhumaa nama wajjin tuttuqqii gootanii kaasee guyyaa 7 guutuu erga fixxanii booda, haalota adda ta’an keessatti qophaatti adda bahanii turuu kutuun ni danda’ama mallattoon homaatuu isin irratti hin mul’atin turtan yoo ta’e bu’aan qorannoo erga negatiiva ta’een booda (osoo turtii nama irraa adda bahuu hin xumurin sa’aatii 48 osoo hin caalin qorannoo gaggeessitani yoo ta’e.) Kuni kan irratti hundaa’u wantoonni qorannoodhaaf barbaachisan argamuu fi dhiisuu isaa irratti hunda’aa. Hanga guyyaan 14 sun dhumutti mallattoolee hordofuu akka hin daganne. Haala keessa jirtaniif filannoo gaarii ta’e filachuuf, biiroo fayyaa naannoo keessan jiruun mariyadhaa. Centers for Disease Control and Prevention (CDC) qajeelfama haaraa baasee ture. Innis, namoonni guutummatti talaallii fudhatanii nama COVID-19’n qabameef saaxilamoo ta’an, ulaagaalee kanaa gadii yoo gutan namarraa adda bahanii turuun dirqama miti: • Kanneen guutummaatti talaallii (fudhatan Yeroo Guutummaatti Talaallii Fudhattan odeeffannoo dabalataatif kuutaa kanaa gadii ilaalaa.) • Erga COVID-19 dhaaf saaximee mallattoon kan irratti hin argamne. Namoonni guutummaatti talaalaman erga saaxilamiin booda guyyoota 14’f mallattoo hordofu qabu. Akkasumas wantoota akka maaskii godhachuu, walirraa fageenya qaamaa eeguu, bakka namni itti heddummatu deemuu xiqqeessuu ittuma fufuu qabu. Gajeelchicha waanti adda godhu, namoonni dhukubsatanii ciisanii fi bakka buufata fayyaa keessa jiran kan talaalaman, nama COVID-19 dhaan qabeef yoo saaxilaman, namarraa adda bahanii turuu itti fufuu qabu. Namoonni ulaagaawwan lammanuu guutuu hin dandeenye erga nama COVID-19 dhaan qabame yookin qabamuun isaa shakkame waliin tuttuqqii godhaniin booda, qajeelfma qophaatti adda bahanii turuu amma jiru (Ingiliffa) hordofuu qabu.

3

Tatatamsa’ina COVID-19 ittisaa • Nama bira yookin bineeldota manaa bira yommuu geessan yookin biiroo ogeessa fayyaa yommuu seentan Haguuggii fuulaa fayyadamaa (Ingiliffa) fayyadamaa. Haguuggii fuulaa/maaskii godhachuu hin dandeessan yoo ta’e, miseensonni maatii manicha keessaa isin waliin turuu hin qaban yookin yeroo kutaa isin keessa jirtan lixan, maaskii godhachuu qabu. • Haguuggin fuulaa, waanta afaani fi funyaan sirriitti haguugu fi karaa lamaaninuu akkasumas areeda keessanitti sirriitti kan ta’u ta’uu danda’a. Haguuggin kun huccuu gulantaa lama yookin isaa oliin hodhamee gurroon ittiin dudduubatti yookin gurratti hidhatan itti godhame ta’ee qophaa’uu qaba. Namoonni rakkina fayyaa sammuu, amalaa yookin dhukkuba huccuudhan fuula isaanii haguuguu isaan dhorku qaban, waan akka pilaastikii fuula isaanii haguugu (face shield) fayyadamuu danda’u. Gosa haguuggii kana daa’imman bakka kunuunsa daa’immanii, oolmaa daa’immanii yookin K-12 jiran fayyadamuu danda’u. Bakka hojiitti, maaskiin yookin meeshan ittiin hafuura baafatan barbaachisuu malu sababni isaa huccuu ittin fuula haguuggatan caalaa nama irraa ittisa waan ta’eef. • Qajeelchi Centers for Disease Control and Prevention (CDC) tooftaa ittiin maaskiin haalan COVID-19 ittisu fooyya’u kallattii kenna (Ingiliffa). Tooftaalen kuneen, maaskii meedikaalaa irra maaskii huccuu godhachuu, maaskii meediikaalaa fiixee isaa sirriitti jabeessanii hidhachuu, waan maaskiin akka nama irraa hin buune ittiin jabeessan fayyadamuu, yookin naayiloonii maaskii gubbaadhan fayyadamuu. Itti dabaluunis, maaskii qaawwa ittiin hafuura baafatan qabu, haguuggii afaani fi funyaanii qeeenxee yookin huccuu leezarii fayyadamuu Department of Health (DOH, Muummen Fayyaa) hin eeyyamu. (Akkaataa qajeelfama DOH fi Department of Labor and Insdustries (L&, Biroo Dhimma Hojjataa fi Industiriitin) (Ingiliffa) dhaan maxxanfameetiin taanan meeshaan ittiin hafuura baafatan fayyadamuun rakkoo hin qabu). • Qajeelfamoota fayyaa hawaasaa kanneen akka talaallii, walirraa fageenyaa qaamaa, qulqullina harkaa, nama irraa adda bahanii qophaa turuu fa’aa itti fufiinsa hojiirra oolchuu osoo hin dagatin, bakka namoonni itti heddummatanitti maaskii godhachuun baay’ee barbaachisaadha. • Yeroo hundumaa, maaskii yoo godhattanii jirtan illee yeroo hundumaa walirraa fageenya faana 6 eegaa. • Yeroo hunda harka keessan dhiqadhaa. Harka keessan bishaani fi saamunaadhan yoo xiqqaate sekondii 20 dhiqadhaa. Saamunaa fi bishaan hin jiru yoo ta’e, saanitaayizarii harkaa kan qabiyyee alkoolii 60% qabu fayyadamaa. Harka osoo hin dhiqatin fuula of hin qaqqabatinaa. • Qufaa fi axiffannaa keessan golgaa. Sooftii fayyadamtan sana gatuun harka dhiqadhaa. • Bakkeewwan yeroo hunda “tuttuqqiin itti baay’atu” kanneen akka maashinii herreegaa, qabattoo balbalaa, minjaala irra keessa, qabattoo mana fincaanii, mana fincaanii, bilbila, kiiboordii, taabileetiwwan fi minjaala siree biraa qulqulleessaa. Dhangala’aa ittii mana qulqulleessan fayyadamaa, qajeelfama achi irra jiru fayyadamaa. • Meeshaalee dhuunfaa kanneen akka qodaa itti nyaatan, burcuqqoo itti dhugan, siinii, meeshaalee addaa adaa, fooxaa, yookin huccuu siree nama biroo wajjin hin fayyadaminaa.

Guutummaatti yoommuu talaallii fudhattan Namoonni guutummaadhan talaallii fudhatan kan jedhaman: • talallii abbaa doozii 2 kanneen akka talaalliwwan Pfizer yookin Moderna fa’aa erga fudhatanii torban lama booda, yookin • talaallii abbaa doozii tokkoo kan akka Johnson & Johnson’s Janssen erga fudhatanii torban 2 booda Hubachiisa: Erga talaallii fudhattanii torban 2 gadi yoo ta’e yookin ammayyuu talallii marsaa lammaffaa fudhachuu qabdu yoo ta’e, guutummaattii dhibichaa irraa eegamuu HIN dandeeessan. Hanga talaallii guutuu fudhattanitti maloota/sadarkaawwan ittisaa (Ingiliffa) hunda hordofaa. Talaallii guutuu fudhattaniirtu yoo ta’e:

4

• Maaskii malee hojiiwwanii fi bashannana manaan alaa irratti hirmaachuu ni dandeessu, Bakkeewwan namoonni itti heddummatan muraasan alatti jechuudha (Ingiliffa). • Osoo maaskii hin godhatin namoota talaallii fudhatan mana keessatti wal gahuu ni dandeessu. • Namoota talaallii hin fudhatin kan biroo maatii kan biroo (fakkeenyaf, firoota waliin jiraatan keessumummaa dhufan) waliin maaskii osoo hin godhatin wal arguu dandeessu, namoota sana keessaa yookin namni isaan waliin jiraatu sababa COVID-19 tiin rakkoon fayyaa cimaan yoo mudate (Ingiliffa) malee jechuudha. • Nama COVID-19 dhaan qabame bira yoo turtan, namoota biroo irraa adda bahuun isin hin barbaachisu yookin mallattoon isin irratti hanga hin argamnetti qoratamuun isin hin barbaachisu. o Haa ta’u malee, gareedhan iddoo tokko jiraattu yoo ta’e (kanneen akka mana amala sirreessaa yookin manneen waliinii) fi nama COVID-19’n qabame bira turtan yoo ta’e, mallattoon illee yoo isin irratti argamuu baate, guyyaa 14’f namoota biroo irraa fagaachun qorannoo taasisaa. Sadakaan talaallii keessanii maaliyyuu yoo ta’e, yeroo bakka namoonni itti heddummatan deemtan ofii keessanii fi namoota biroo eeguf (Ingiliffa) tarkaanfii fudhachuu qabdu. Tarkaanfiwwan kunneenis, maaskii godhachuu, ijjata faanaa 6 nama irraa fagaachuu, bakka namni itti heddummatuu fi qilleensi hin galle dhaquu dhiisuu. Dabalataanis, walitti qabama giddu galeessaa kaasee hanga guddaatti jiru dhaquu dhiisun mallattoolee COVID-19 (Ingiliffa) ilaaluu abdu, keessumattuu nama dhukkubsatu bira turtan yoo ta’e. Madda: Centers for Disease Control and Prevention (Ingiliffa)

Odeeffannoo fi maddoota (sources) COVID-19 dabalataa haala COVID-19 amma Waashington keessa jiru, Labsii Bulchaa Islee (Ingiliffa), mallattoowwan (Ingiliffa), akkamiti akka tatamsa’u (Ingiliffa), fi yoomi fi akkmitti namoonni qoratamuu akka qaban (Ingiliffa) ilaalchisee odeeffannoo waktaawaa hordofaa. Odeeffannoo dabalataatif Gaaffilee Yeroo Heddu Gaafataman (Ingiliffa) keenya ilaalaa. Eenyummaan/sanyiin yookin lammummaan mataan isaa nama tokko COVID-19 dhaaf hin saaxilu. Haa ta’u malee, hawaasni gurraachi (communities of color) haalan dhibee COVID-19 tiin miidhamaa jiru. Kuni ta’uu kan danda’e sababa namoonni qoqqobbii sanyummaa irra gaheen namoonni kun ofii isani fi hawaasa isaanii dhibicha irraa ittisuuf carraa baay’ee hin arganne. Maqaa namaaf kennanii nama qoodun dhibicha ittisuuf hin gargaaru (Ingiliffa). Jette jetee fi odeeffannoon sobaa akka hin babal’anneef, odeeffannoo dhugaa qofa qoodaa. • Naannoo WA Department of Health Weerara Novel Koronovaayirasii 2019 (COVID-19) • WA State Coronavirus Response (COVID-19) • Muummee Fayyaa Naannoo yookin Aanaa Keessanii Barbaadaa (Ingiliffa) • CDC Koronovaayirasii (COVID-19) (Ingiliffa) • Maddeen (Resources) Qoqqobbii Hir’suu (Ingiliffa) Gaaffii dabalataa qabduu? Sarara bilbilaa keennya kan Odeeffannoo COVID-19 tti bilbilaa: 1-800-525- 0127 Wiixata – 6 a.m. hanga 10 p.m., Kibxata – Dilbataa fi guyyaa ayyaana waggaa biyyoolessaa (Ingiliffa), 6 a.m. hanga 6 p.m. Tajaajila hiika afaanii yoo barbaaddan, yeroo isaan kaasan # gadi qabuudhan afaan dubbattan maqaa dhahaa. Waa’ee fayyaa dhuunfaa keessanii, qorannoo COVID-19, yookin bu’aa qorannootif, ogeessa fayyaa qunnamaa. Dookimantii kana roga adda biraan ajaaju yoo barbaadan, bilbilaa 1-800-525-0127. Dhagahuu yookin dubbachuu kan hin dandeenye yoo ta’e, (Washington Relay 711 irratti bilbilaa (Ingiliffa)) yookin [email protected] tti imeelii ergaa.

5