Sababa vaayirasii Koronaa tiin hojii gadi dhiistanii, dhukkubsattanii yookiiin hoji-dhabaa/du taatanii jirtuu? Sababa weerara vaayirasii Koronaa (COVID-19) tiin jiraattonni Washington kumaatama dhibbaan lakkaa'aman hojii dhabaniiru, dhukkubsataniiru yookiin hoji-dhabdoota 'anii jiru. Faayidaawwan hoji-dhabduummaa Washington’s Employment Security Department (ESD) dhaan qindaa' dabalatee yeroo rakkinaa kana keessatti isinii fi maatii keessaniif deeggarsi godhamu jira. Faayidichaaf ulaagaa guutuu yoo dandeessan akkasumas akkamitti akka galmaa'an baruudhaf dubbisuu ittuma fufaa.

Faayidaawwan hoji-dhabduummaa maal fa'? Dogongora keessan malee hojii keessan yoo addaan kuttan, faayidaawwan hoji-dhabduummaa yeroo muraasaf galii isiniif dhiyeessa. Maallaqni taaksii kanaan dura hojjechiisan keessan kaffale irraa hammi tokko galii argachuu dhabdan kan bakka bu' yoo ta'u yeroo hojii haaraa barbaaddan baasii isin barbaachisu kaffaluudhaaf isin gargaara.

Faayidaalee hoji-dhabduummaatiif ulaagaa nan guutaa? Erga weerarichi 'een asitti jijjiirama naannoo fi federaalaa waliin amma ulaagaa guutuun salphaadha. Namoota hojii yeroo 'aatii walakkaa hojjetan, hojii dhuunfaa qaban, kontiraaktaroota of danda'an yookiin kanneen sa'aatiin hojii irraa hir'ate yookiin dhukkubsatan dabalatee faayidaalee baay'eetu namoota hedduuf jira. Ulaagaa guutuuf dhiisuu adda baasuuf, cheekliistii kana faayyadamaa:

 “Waggaa ka'uumsaa” yoo xiqqaaate sa’aatii 680 hojjeteertaa? Waggaan ka'uumsaa kee kurmaanota kalaandaraa xumuraman keessaa isan jalqabaa shanan faayidaaaleedhaaf iyyatatiniiti.  Ji'oota 18 dabran keessatti naannoo Washington hojjetteertaa?  Hojjechuu ni dandeessaa? Hojjechuu danda'uu jechuun sammuudhanis ta'ee qaaman hojjechuu danda'uu jechuudha.  Hojjechuudhaaf yeroo qabdaa/jirtaa? Hojiidhaaf yeroo qabaachuu/hojjechuu danda'uu jechuun waanti hojiirraa si dhorku osoo hin jiraatiin hojjechuu danda'uudha: (fakkeenyaaf, waa'ee geejjibaa, dhukkuba, bashannana, yookiin maatii/ijoollee dhabuu).  Dhiifteertaa?  Hojii kee dhaabdertaa?  Ji'oota 18 darban keessattii waraana keessaa baatee?

Gaaffiilee kanneen HEDDUU isaanii hanga eeyyee jettee yoo deebiste, faayidaalee hoji- dhabduummaa idileetiif ulaagaa guutuuf carraa qabda. Ariitiidhaan faayidaaleedhaaf galmaa'/iyyadhu; ESD’ ulaagaa guutuu fi dhiisuu kee murteessuudhaaf iyyata kee ni ilaala.

OROMO (Afaan Oromoo) – OM Gaaffiilee kanneen HEDDUU isaanii hanga Lakki jettee yoo deebiste, faayidaalee idilee argachuudhaaf ulaagaa hin guuttu, haa ta’u malee yeeroo weerara COVID-19 tti faayidaalee dabalataa Labsii CARES federaalaa jalatti ibsaman argachuudhaaf kan malte ta’uu dandeessa. Ulaagaa guutuu fi dhiisuu adda baasuf cheekliistii kana ilaali:

 Sababa COVID-19 irraa kan ka’e hojii keessaa baatee jirtaa yookiin hamma idileetii gadi hojjetaa jirtaa?  Sababa sa’aatii 680 hin hojjenneef hoji-dhabduummaadhaaf diddee jirtaa?  Ji’oota 18 darban Washington keessatti hojii hojjetteertaa, garuu ammoo sa’aatii 680 gadi hojjetteertaa?  COVID-19 dhaaf qoramtee baay’ee dhukkubsachuudhaan hojii hojjechuu dadhabdeertaa?  Mallattoon COVID-19 sirratti argamuudhaann bu’aa qorannichaa eeggachaa jirtaa yookiin deegarsa wal’aansa fayyaa barbaadaa jirtaa?  Rakkoo guddaa keessa jirtaa AKKASUMAS ogeessi fayyaa akka mana turtuuf sitti himeeraa?  Miseensa maatii kunuunsaa jirta moo COVID-19 dhaan qabamtee nama irratti maxxanaa taatee jiraatta?  Miseensa maatii yookiin kan nama irratti maxxanee jiraatu fi mallattoolee COVID-19 kan agarsiisu yookiin wal’aansa fayyaa barbaadu wajjiin jiraattaa?  Miseensa maatii yookiin kan nama irratti maxxanee jiraatu, saaxilamummaa cimaadhaaf kan qabu, si waliin kan jiraatu fi nageenya isaaniif jecha kan mana turan jiruu?  Nama saaxilamummaa cimaa qabuu fi nageenya eegumsaaf isaaniif jecha mana akka turan gorfamaniif kunuunsa gochaa jirtaa?  Manni barumsaa mucaa keetii cufameeraa? Akkasumas kunuunsa daa’imaa argachuu hin dandeenyee?  Bakki hojii keetii akka cufamu ajajameetti moo sababa keezii COVID-19 tiin cufame akkasumas mana teessee hojjechuu hin dandeenyee?  Hojii mataa keetii qabdaa?

Gaaffiilee armaan olii KAMIYYUU Eeyyee jettee yoo deebifte, yeroo weeraraa COVID-19 tti faayidaalee hoji-dhabduummaa argachuudhaaf carraa ulaagaa guutuu qabda.

Himoonni armaan gadii kan si ilaallattan yoo ta’e ulaagaa HIN guuttu: Hojii kanaan addaan kuteef sababoota COVID-19 dhaan wal hin qabanneeni. Hojii kanan addaan kuteef faayidaalee hoji-dhabduummaa argachuudhafan. Yeroo ammaa boqonnaa yeroo bashannanaa, boqonnaa dhibee yookiin kaffaltii yeroo qisaasamee fudhataan jira. Mana taa’ee hojjechuu nan danda’a, garuu hin filadhu. Ani hojjetaa dirqamni irra jiruudha, saaxilamaa cimaa miti akkasumas bakki hojii koos nageenya kiyyaaf kan ta’u [] ulaagaawwan guuteera [] guutee jira, ani hojjechuudhaaf baay’een sodaadhe.

OROMO (Afaan Oromoo) – OM Ammayyuu ulaagaa guutuu kee hin mirkaneeffanne yoo ta’e galmaa’uu hin dhiisin. Hanga danda’ametti galmicha sirriitti guuti, nuti ammoo daddafnee duuka buuna.

Akkamittan galmaa’a? Bifa lamaan galmaa’uun danda’ama: sarara irratti yookiin bilbilaan. Marsariitiin (esd..gov) kun kompiitara yookiin laaptooppii faayyadamanii galmaa’uun faayidaalee argachuudhaaf karaa baay’ee saffisaadha. Moobaayilii faayyadamuu ni dandeessu, garuu faayyadamuuf xiqqoo rakkisaadha. Appilikeeshiniin sarara irraa Ingiliffaa fi Ispaanish qofaan jira. Gargaarsa afaanota biraatiif 800-318-6022 tti bilbiluun galmaa’aa.

Yeroo ammaa kana lakkoofsi namoota bilbilanii baay’ee hedduudha. Kanaaf, yeroo sa’aatii hojiitti argachuudhaaf baay’ee rakkattu. Karaa bilbilaan galmaa’uuf carraa gaarii kan argattan sa’aatii 6 p.m. booda fi 7 a.m. dura yoo bilbiltaniidha. Galmeedhaaf yoo boodatti haftan, kaffaltii keessan ta’e hundumaa guyyaa gaafa ulaagaa guuttaniitti duudduba deebi’uun akka fudhattan beekaa.

Osoo galmaa’uu hin jalqabin dura odeeffannoo armaan gadii guuttachuu keessan mirkaneeffadhaa:

 Lakkoofsa Nageenya Hawaasaa  Guyyaa dhaloota fi odeeffannoo qunnamtii  Seenaan hojii keessan kan ji’oota 18 darbanii guutuu: maqaa hojjechiisaa (chiistotaa), teessoo, lakoofsa bilbilaa, tokkoon tokkoo hojjechiisatiif guyyaa jalqabaa fi xumuraa dabalatee  Herreega baankii keessanii fi lakkoofsa ittiin ergan, kallattiidhaan galchuudhaaf galmaa’uu yoo barbaaddan

Erga galmooftaniin booda, galmeen keessan yoo mirkanaa’e, qarshii hangam akka fudhattanii fi itti aanee maaltu akka hojjetamu ESD’n isin beeksisa. Hin milkoofnees yoo ta’e, isinitti himama. Odeeffannoowwan barbaachisoo biroo:

 Gaaffii/iyyata torban torbanii keessan galchaa. Faayidaawwan torbaniin fudhachuu barbaaddan maraaf iyyata galfachuu QABDU. Iyyanni torbanii torban isa darbe ni haammata. Sababoota hoji-dhabduummaa irraa kan ka’e torban jechuun Dilbataa hanga Sanbata xiqqaati. Hanga dhumutti torbaniif iyyachuu hin dandeessan.  Amanamummaadhaan gabaasaa.  Odeeffannoo isiniif erginu kamiyyuu ilaalaa, dubbisaa. Karaa eServices (tajaajila onlaayinii) odeeffannoo argachuu yoo barbaaddan, yeroo odeeffannoon haaraanii fi isin barbaachisan jiraatan email isiniif ergina. Odeeffannoon kun yeroon kan irra darbuu hin qabne ta’uu waan maluuf faayidaalee argachuudhaaf maluu irratti dhiibbaa isin irraan gahuu danda’a,  kallattiidhaan galchuuf yookiin faayidaalee torbanii keessan debt card dhaan saffisaa fi karaa naga qabeessa ta’een argachuudhaaf galmaa’aa.  Filannoo hojii barbaaduu keessan eegalaa.

OROMO (Afaan Oromoo) – OM

Ani hojjetaa heeyyama hin qabneedha. Deeggarsaaf ulaagaa nan guutaa? Faayidaalee hoji-dhabduummaa fi faayidaalee hoji-dhabduummaa dabalataatif U.S. keessatti hojjechuudhaaf heeyyama qabaachuu qabdu. Haa ta’u garuu, sagantaa Paid Family and Medical Leave tiif ulaagaa guutuuf haalli godaansaa yaada keessa hin galu. Kanaaf, baay’ee dhukkubsattu yoo ta’e yookiin nama sirriitti dhukkubsateef kunuunsa taasisaa jirtu yoo ta’e, sagantaan kun isin deeggaruu danda’a. paidleave.wa.gov yookiin tometiempo.org irratti caalmatti baradhaa.

Dabalataanis, Disaster Cash Assistance Program namoota yeroo balaatti gargaaruuf kan uumameedha. Sadarkaan lammummaan isaanii maaliyyuu yoo ta’e, jiraattota Washington’iif ni jira Galmaa’udhaaf 877-501-2233 tti bilbilaa. Tajaajilli turjumaana bilbilaa jira. Namoonni sarara irraa karaa kanaan galmaa’uu danda’u WashingtonConnection.org (Ingiliffaa fi Ispaanishiidhaan).

Faayidaalee Paid Family and Medical Leave fudhachuun qajeelfamoota himata/kaffaltii mootummaa haaraa jalatti green kaardii yookiin lammummaadhaaf galmaa’uu danda’uu koo irratti dhiibbaa qabaa? Lakki. Faayidaaleen Unemployment Insurance fi Paid Family and Medical Leave kutannoo kaffaltii mootummaa hin dabalamne.

Yooman deegarsa argadha? Fedhiin hoji-dhabduummaa yeroo kamiyyuu caalaa baay’eee dabalee jira. Akkasumas gareen Employment Security Department daddafee akka isiniif raawwatamuuf baay’ee dhama’aa jiru. Oduun baay’ee barbaachisaan kunooti: kaffaltiiwwan keessan guyyaa gaafa ulaagaa itti guuttanitti deebi’uun ni fudhattu. Kana jechuun sababa dippaartimenticha waliin wal hin qunnaminiif galmaa’uu hin dandeenye yoo ta’e, kaffaltiiwwan keessan isiniif deebi’a.

Yoon dhukkubsadhe yookiin naman jaaladhu dhukkubsateef kunuunsa yoon taasisaa jiraadhe hoo? COVID-19 dhukkubsataa jirtu yoo ta’e, hoji-dhabduummaadhaaf ulaagaa guutuu ni dandeessu. Caalmaatti esd.wa.gov/unemployment irraa baradhaa. Paid Family and Medical Leave argachuudhaaf ulaagaa guutuu maltu – sagantaa ESD kan biraa yeroo kaffaltii yeroo boqonnaa dhiyeessu, yeroo ofii keessanii fi namoota jaalattan kan haala fayyaa yaaddessaa qabaniif kunuunsa gochuu yeroo barbaaddanitti fi daa’ima reefu dhalachuuf jettu waliin wal qabsiisuuf. Caalmaatti paidleave.wa.gov irraa baradhaa.

Employment Security waliin karaa itti wal qabsiisan. Sa’aatii hojiitti hojjettoonni kallattiin jiran marsariitii WorkSource irratti haasaadhan deebii kennuu ni danda’u. Waa’ee hoji-dhabduummaa gaaffilee bu’uuraa deebisuu danda’u, garuu odeeffannoo iyyata hoji-dhabduummaa kee argachuu hin danda’an. Marsariitii WorkSource irratti amma chaat godhaa

OROMO (Afaan Oromoo) – OM Gaaffiilee walii galaatif: 833-572-8400

 7 a.m. hanga 4 p.m banaadha.  Hoji-dhabdummaan akkamitti hojjeta?  Gaaffiilee waa’ee galmee/iyyataa  Sarara irratti odeeffannoo agarsiisuu  Bakka bu’oonni jiru

Iyyata hoji-dhabduummaatiif: 800-318-6022

 7 a.m. hanga 4 p.m. Wiixata- Sanbata xiqqaatti faayidaaleedhaaf galmaa’aa (Yeroo baay’ee mala awtomaatikiiti)  Iyyata keessan torban torbanii Dilbata 12:01 a.m. hanga Jimaata 4 p.m. (Yeroo baay’ee mala awtomaatikiiti)  Bakka bu’oonni hin jiran  11 p.m. hanga 6 a.m. sochiin tiraafikaa xiqqaadha

OROMO (Afaan Oromoo) – OM