Qorannaa irratti Hirmaatuu dhaaf Eeyyamuu

Ati qu'annaa qorannaa tokkoo irratti akka hirmaattuuf gaaffatamaa jirta.

Ati utuu itti walii hin galiniin dura, namni qorannaa godhu kun () akeeka isaa, akkaataa ittiin raawwatama isaatii, fi yeroo hammam gahu akka qorannaan kun fudhatu sitti himuu qaba; (ii) akkaataan dhimmi kun ittiin raawwatamu kan gilgaalaaf ' hunda, (iii) gara fuul-duraatti rakkinna dhufuu danda'u kan ar' mul'tu, midhama inni fiduu fi bu'aa qorannaan kun qabuu (iv) akkaataa ittiin raawwatama dhimma kanaa, karaan adda biraa ykn yaalli isaatii fi (v)wanti ati gaafatamtu kun hammam akka icciitiitti akka siif eegamu sitti himuu qaba.

Bakka inni kun ilaalutti, namni toowatnaa kana geggeessu kun (i) yoo miidhamni tokko ta'ee jiraate, gumaa ykn haala fayyaatiif yaal jiru sitti himuu qaba; (ii) gara fuul-duraatti rakkinni hammam akka jiraachuu danda'u, (iii) namootni toowannaa godhan kun hirmaachuu kee haala isaan ittiin dhaaban; (iv) baasii hanga sitti dabalame; (v) irratti hirmaachuu kee yoo dhaabde waan si irra gahuu danda'u (vi) wonta haarawwan fedha ati irratti hirmaachuu dhaaf qabdu kana hammeessuu danda'u yeroo sitti himamuu fi (vii) namoonni meeqa qu'annaa kana irratti akka argaman, namni toowannaa godhu kun sitti himuu qaba.

Yoo irratti hirmaachuu dhaaf walii galte, katabbiin waraqaa kanaa gara-galchaa isaa kan mallatteeffame siif kennamuu qaba; qorannaa irraa yaadni bira gahames siif kennamuu qaba.

Ati yeroo kam iyyuu waa'ee qorannaa kanaa gaaffii yoo qabatte, nama kana ______lakkoofsa bilbilaa ______kanaan qunnamuu dandeessa.

Ati yoo dubbii qorannaan irratti godhamuu kana irratti ykn yoo miidhamni si irra gahe waan godhuu si barbaachisuu gaaffi qabaatte, nama kana ______lakkoofsa bilbilaa ______kanaan qunnamuu ni dandeessa.

Qorannaa kana irratti fedha keen hirmaatta. Irratti hirmaachuu yoo didatte ykn erga jalqabdeen duuba yoo dhaabuu dhaaf murteeffatte hin adabamtu ykn gargaarsa hin dhabdu.

Dubbii katabbii kanaa irratti mallatteessuu jechuun, qu'annaa qorannaa kanaa, odeeffatnoo irranaatiin walumaa-galatti, dubbiin kun afaaniin siif ifsamee, atumti fedha keetiin irratti hirmaachuu dhaaf walii-galtee jirta jechuu dha.

______mallattoo nama iyyatuu guyyaa

______mallattoo dhugaa-baatuu guyyaa

Short Form Consent - OROMO